Back

Abbaan Taayitaa Misooma Bunaa fi Shaayii oomisha bunaa guddisuuf caasaasaa aanaaletti hundeeffate

 

 

[Dhrtvo 25 12 2008] Abbaan Taayitaa Misooma Bunaa fi Shaayii oomisha bunaa guddisuuf caasaasaa aanaaletti hundeeffate.

 

Labsii magalata Oromiyaa lakkoofsa 199 bara 2008 labsii qaama raawwachiiftuu deebisanii gurmeessuu jedhu jalatti murtoo argate hojii hawwamu qabatamatti akka jijjiiruuf imaanaan itti laatame.

Hogganaan Abbaa Taayitichaa obbo Shaafii Umar bara kana keessatti caasaan sirnaan godinaaledhaa hamma aanaatti akka qindaa'u hojjatamuu isaa  himaniiru.

Godinaaleen 17'f waajjirri Abbaa Taayitichaa hundaa'efiira.Aanaaleen godinaalee kanaa 178; kanneen sadarkaa duraan buna omishan aanaa 110 fi kanneen sadarkaa 2ffammoo 68 titti waajjirri banameera.

Abbaan Taayitaa kuni rakkoowwan dhaabbii bunaatii eegalee hamma gabaaf dhihaatutti jiru furuudhaan milkaa'inni akka dhufuuf hojjata.

Naannoon Oromiyaa omisha bunaa biyyaa alaaf dhihaatu harka 70 dhuunfatti.

Lafti naannichaa godinaalee 17 bunni itti omishamu kanaa heektaarri miiliyoonni sadii buna biqilchuuf kan ooluu danda'udha.

Bara karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii tokkoffaatti uwwisa biqiltuu bunaa kana hektaara miiliyoona tokko irraan ga'uudhaaf karoorfamee ture milkaa'ee ture.

Odeeffannoon Abbaa Taayitaa Misooma Bunaa fi Shaayii irraa argame akka muul'isutti, biqiltuun bunaa hektaara miiliyoona tokko tuqaa lama irra ga'eera.

Hogganaan Abbaa Taayitichaa obbo Shaafii Umar bara 2009 keessa buna dhaabame kana lakkoofsa isaa baruudhaaf hojjanna jedhani.

Kunimmoo kana boodatti bunni dhaabbatuu fi hektaaraan hammamtu barbaachisas kan jedhamu adda ba'ee qulqullina eegsisuufi calla guddisuudhaf haala mijeessa.

Akka obbo Shaafiin himanitti heektaara tokko irratti biqiltuu bunaa kumma sadiitu dhaabbata.

Sanyii bunaa kuntaala kuma shanii fi 580 qophaa'erratti harka 60 bara 2009 itti dabalamee biqilfamuun dhaabbiif ta'a.

Naannoon Oromiyaa namoota omisha bunaatiin jiraatan miilioyoona sagal qaba kan jedhan obbo Shaafiin ammatti garuu kan buna sirnaan qotu abbaa warraa miiliyoona tokko tuqaa lama qofa.Kan hafanis as keessatti sirnaan hirmaachisuu gaafata jedhaniiru.

Adeemsa buna baay'inaanii fi qulqullinaan omishuu keessatti qonnaan bultoonni haala hojii isaa kana sirnaan akka beekanii fi wiirtuun leenjii bunaa qonnaan bulaaf akka jiraatu ta'a jedhameera.

Wiirtuun leenjii bunaa qonnaan bulaaf addatti yemmuu uumamuttis ta'ee sana cimsuuf dhaabbilee barnoota ol'aanoo fi giddu galoota qorannoo qonnaa Oromiyaa keessa jiran waliin qindaa'uun sanyii fooyyessuu hanga qonnaan bulaan beekumsaan gabbisuutti ni hojjatama jedhameera.

Biyyootii birootti waa'een bunaa akka sirna barnootaa tokkootti dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessatti barsiifamu biyyanatti akka toluuf ni carraaqama jedhameera.

Keessumayyuu dhaabbileen barnoota ol'aanoo naannoo Oromiyaa keessa jiran kan naannaa bunni jirutti hundaa'an hojii kana akka deeggaraniif walitti dhihaachuun hojjachuudhaaf akka ta'edha obbo Shaafiin kan himan

Rakkoowwan dhiheessii meeshaalee qulqullina bunaa ittiin eegsisaniis xiyyeeffannoo argatu jedhani.

Abbaan Taayitaa kuni hundaa'uun isaatis rakkoowwan kanniiniif fala barbaaduun dhamaatii guddaa akka hin taanefiidha.

Caasaan amma sadarkaa Abbaa Taayitaatiin bunaaf gurmaa'e kuni, bunni akka hojii dabalataa utuu hin ta'in kophaatti hordofuun jijjiirama dhama'amuuf fidaa itti amanameera.

Naannaa qonni bunaa jiru kanatti tooftaawwan mi'eessituunis omishamuudhaan bu'aan qonnaan bulaa dabalu irrattis akka hojjatamu odeeffannoo Abbaa Taaytichaa irraa argame ragaadha.

Maddi: FBC