Back

Dhalli namaa 'lubbu qabeeyyii miliyoona 1 lafarraa balleessuu mala'

OBN Ebla 30, 30, 2011- Lafa, samii fi galaana keessa, dhiibbaan dhalli namaa uumama irra geessisaa jiru lubbu qabeeyyii gonkumaa balleessaa jira jedha qorannoon UN.

Bineeldotaa fi gosti mukeenii miiliyoona tokko tahan lafa irraa baduu akka danda'an qorannichi ibseera.

Uumamni isa kanaan duraa caalaa saffisa guddaan badaa jira kan jedhu qorannichi barbaachi nyaataa fi aannisaa badiinsa isaaniif sababa guddaa tahuus ibseera.

Rakkoon kun kan furamuu danda'udha garuu ''haaromsa guddaa'' akkaataa dhalli namaa uumama waliin jiraatu ykn walitti dhufu irratti hojjechuu barbaada jedhe qorannichi.

Kanniisa oomisha keenya poolineesitu irraa eegalee hanga bosona lolaa ittisee bishaan akka jiraatu taasisuutti haala akkamiin dhalli namaa madaala naannoo jeeqaa akka jiru qorannichi ni agarsiisa.

Waggoota sadii guutuuf meeshaalee wabii tahuu danda'an 15,000 irratti kan qoratame qorannoon kun, dhaabbata 'Inter-governmental Science-Policy Platform on Biodiversity and Ecosystem Services' (IPBES) jedhamuun qindaa'ee dhiyaate.

Qorannoon kun fuula 1800 qaba. Cuunfaan isaa fuulli 40 kaleessa maxxanfamuun wal gahii Paarisitti gaggeeffame irratti dhiyaates namoota imaammata baasaniif meeshaa cimaadha jedhameera.

Waggoota 50 darbaniif yeroo lafti kun gochaa dhala namaan miidhamaa turte dirri ishee soofamaa ture kun godaannisa gadi fagoo itti tahaa deema jedha.

Erga bara 1970 as lakkoofsi uummata adunyaa dachaan yoo dabalu diinagdeen ammoo harka afuriin guddateera.

Daldalli adunyaas harka kudhaniin guddateeraa.

Nyaataaf, uffataaf fi aannisaaf jecha bosonni adunyaa kun dhala namaan badaa akka jiru qorannichi ifoomseera.

Bara 1980 hanga 2000 bosonni tirooppikaalii hektaarri miiliyoona 100 ol manca'eera jedha qorannichi.

Kun ammoo irra caalaa nyaata horii Ameerikaa Kibbaa fi dhaabbi biqiltu Palm oil jedhamu Kibba Baha Eshiyaattidha.

Keessumaa waggota 10 as lubbu qabeeyyiin miiliyoona tokkoo [1m] ol tahan badinsaaf saaxilamaniiru jedha.

Lakkoofsi ilbiisota adunyaa beekamuu baatus erga yeroo dhiyoo as garuu saffisaan xiqqaachaa deemu isaanii qorannichi agarsiisa.

Biyyeen akka malee haramtee akka badaa jirtuu fi kana irraa kan ka'es oomishni 23% xiqqaachuu qorannichi hubachiisa.

Faalamni pilaastika irraa dhufus akkasuma erga bara 1980 as harka kudhaniin dabaleera.

Wagga waggaan balfa sibiilota toonii miiliyona 300-4000, kanneen bulbulamanii fi sumii qaban bishaanitti gatamu.

Bara 2014 ammoo garbi bishaanii 3% qofatu dhiibbaa namaa irraa bilisa kan jedhu qorannoon biraa eeree ture.

Oomishni qurxummiis akkasuma xiqqaachaa akka deemee fi faalama bishaanii irraa kan ka'e sanyiin qurxummii hedduun baduu akka danda'anis ibsa.

Tilmaamaan lubbu qabeeyyiin akka bineeldotaa fi biqilootaa 25% badinsaaf saaxilamaniiru.

Madaalli uumamaa giddugaleessaan 47% gadi bu'eera.

Magaalotni akka malee babal'achuu fi kaan waliitti qabamuun dachee kana hubaa akka jiraniifi furmaatni cimaan akka barbaachisu qorannichi ibsee jira.

Yooo kun hin taane garuu rakkoo hamaan dhala namaatti dhufuun isaa hin oolu jedha.

Furmaata [Maal gochuu dandeenya?]

Rakkoo kana furuuf mootummaa qofa osoo hin taane namni dhuunfaa haala nyaata isaa jijjiruun biqiltoota irratti hundaa'uun bifa naannoo irratti miidhama hin geessisneen yoo fayyadame jijjirama fiduu danda'a jedhan Dr Kate Brauman barreessitoota qorannichaa keessaa tokko kan tahan.

Dr Rinku Roy Chowdhury, Yuunvarsiitii Kilaarki Workester, Massachusetis irraa hawwaasni dhagaa cilee caalaa maddoota aannisa haaromsamanitti fayyadamuun gaariidha jedhu.

Jijjirama haaromsaa [ transformational change] mootummaan kana gochuu qaba jedhee jala muree kan itti himu osoo hin taane wantoota murteessoo tahan qofa lafa kaa'uun yaadrimee fi ka'umsa kan kennuu fiidha.Maddi:-BBC