Back

Dhibee onneetiin duutii maaliif dabalaa dhufe?

OBN Caamsaa 06, 2011- Du'aatiin sababii dhukkuba onneefi sirna dhiigaan walqabate namoota umuriin isaanii waggaa 75 gadi ta'e irratti waggaa 50 booda akka addaatti dabaluu isaa qorannoon mul'ise.

Dhaabbanni 'The British Heart Foundation (BHF)' akka jedhutti, dhibeen sukkaaraa fi furdina akka malee rakkoo kanaaf hedduu akka gumaachan beeksiseera.

Bara 2017 keessa du'aatiin namoota umuriin isaanii waggaa 75 gadi ta'anii 42,384 sababii dhukkuba onneefi sirna dhiigaatiin qaqqabeera. Kun ammoo kan bara 2014 keessa 41,042 ture caalaa dabaleera.

Dhaabbanni hojii tola ooltummaa hojjetu kun akka jedhetti hojiin du'aatii dhibee kanaan dhufu saffisa gaariitiin hir'isuuf taasifamaa ture "hanga bakka jirutti dhaabbachuutti irra harkifateera".

 

Wantota ka'umsa ta'an:

UK keessatti dhibeen onneefi sirni dhiigaa sababa du'aatii isa ijoodha, kunis ammoo namoonni miliyoonaan lakkaa'aman sababii dhiibba dhiigaa cimaa irraan kan ka'e balaa kanaaf ni saaxilamu.

Sababoonni biroon akka coomni namatti baayyachuu, furdina akka malee, dhukkuba sukkaaraa, tamboo xuuxuufi sanyii maatii waliin walqabatu.

Akka gabaasa dhaabbata hojii tola ooltummaa hojjetu kanaatti, namoonni umurii ga'eessummaa keessa jiran miliyoona 14 ol ta'an dhibee dhiibbaa dhiigaa qabu. Garuu isaan keessaa namoonni miliyoona 5 ta'an waan hin qoratamneef akka dhibee kana qaban hin beekan.

Namoonni umurii ga'eessummaa keessa jiran miliyoona 15 ta'an ykn nama afur keessaa tokko UK keessa jiran rakkina furdina gara malee qabu.

Waggoota shan darban keessa UK keessatti namoonni qoratamanii akka dhibee sukkaaraa qaban baran %18tiin dabaleera.

Dhibeen sirna dhiigaa waliin walqabatu kan akka dhiigni sammuutti dhangala'uuufi dhukkub hidda dhiigaa dabalata.

Furdinni akka malee: Dhukbni akka dabaluufi balaan du'aaf saaxilamuu akka dabalu taasiseera.

Dhibeen sukkaaraa gosa 2 jedhamu: Sirni fayyaa biyyaaleessaa (NHS) wallaansaaf kaalorii 800 kenna.

Dhukkuba onnee hir'isuu

Seenaa keessatti UKn dhibeewwan onnee wallaanuudhaan hir'isuudhaaf milkaa'ina guddaa agarsiifteetti. Kun ammoo tarkaanfiiwwan duranii ittisuu akka namoonni hedduun tamboo xuuxuu dhaaban gochuufi wallaansa haaraa argachuun ture.

Akka BHF jedhutti milkaa'inni duraan ture duubatti deebiyuudhaaf sababiin yaaliiwwan wallaansa du'a jhirisuuf taasifaman duubatti arkifachuufi baayyinni uummataa dabalaa deemuudha.

Bara 2012 hanga 2017tti du'aatiin dhibee onneefi sirna dhiigaatiin UK keessa ture %9 gadi bu'ee ture, kun ammoo kan bara 2007 hanga 2012 gidduuttti %25 tureen gadidha.

Hoji gaggeessaan BHF Simon Gillespie kan jedhan: "UK keessatti lakkofsa namoota sababii dhibee onneefi dhiigni samuutti dhangala'uudhaaf du'an hir'isuudhaaf taasiseen hojii boonsaa galmeessiseera.

"Haata'u malee, namoonni osoo waggaa 75 isaanii hin kabajatiin ykn yeroo tokko tokko ammoo wagga 65 irrattti dhukkuba onneefi sirna dhiigaa waliin walqabateen waggaa waggaadhaan du'aa jiru."

"Namoota yaaddoo dhibee onneefi dhiigni sammuutti dhangala'uuf saaxilamuu malan miliyoonaan lakkaa'aman deggeruudhaaf mootummaa, NHSfi warra fayyaa qoratan waliin ta'uudhaan invastimantii qorannoo fayyaafi mala qorannii haaraa kalaquuf hojjechuu qabna."