Back

Dhibee waa dagachuu irraa akkamiin of eeguun danda'ama?

OBN Caamsaa 07, 2011- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) qajeelfama kan jalqabaa akka itti namoonni dhukkuba waa dagachuu ykn 'dimentia' ofirraa ittisan baaseera.

Carraa dhhibee kanaaf saaxilamuu xiqqeessuudhaaf namni tokko maal gochuu akka qabuufi hin qabnes himeera.

Wantoota dhiisuu qaban keessaa tokko tamboo xuuxuufi alkoolii baay'isanii dhuguudha.

Soorata fayyaalessa ta'an soorachuun faayidaa akka qabu ni gorfama.

Rakkoo kana xiqqeessuudhaaf sammuu shaakalsiisuun barbaachisaa ta'uu ragaan ga'aa ta'e dhibus garuu qorannoowwan tokko tokko akka faayidaa qabu ni himu jedha WHOn.

Sababa

Rakkoon waa dagachuu guutummaa addunyaatti namoota miliyoona 50 kan miidhe yommuu ta'u caalaatti dabalaa dhufeera.

Haga ammaa karaa namoonni carraa rakkoo kanaaf saaxilamuu xiqqeessuu danda'an malee wal'aansi dhibee kana fayyisuu danda'u hin jiru.

Dullumni rakkoo kanaaf sababa ol-aanaadha. Haa ta'u malee, kun uumama ykn kan yeroo dullooman hin oolledha jechuu miti.

Sanyiin daddarbuunis ga'ee guddaa qabaata, garuu sababoonni dhibee kanaa hedduun jijjiiramuu ni danda'au.

Ogeessonni akka jedhanitti haala jireenyaa jijjiiruun carraa dhibee kanaan qabamuu harka sadii keessaa tokkon ni xiqqeessa.

Qajeelfamni ba'e kun akka jedhutti:

1) Sochii qaamaa - ga'eessonni warra jaaran dabalatee torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 150'f sochii qaamaa giddu-galeessa ta'e taasisuu qabu. Kun ammoo itti karoorfachuudhaan kan akka bishkiliitii oofuu ykn hojiiwwan guyyuu mana keessaa ta'uullee ni mala.

2) Tamboo xuuxuu dhaabuu - tamboon sammuufi qaamaaf gadheedha.

3) Sirriitti nyaachuu - soorata fayyaalessa kan akka nyaata bishaan keessaa argamaniifi muduraaleefi fuduraaleen hedduu fayyadu.

4) Vitaaminoota bifa kininiidhaan kennaman waliin hin rakkatiinaa - isaan kun rakkoo dagachuu hir'isuu danda'u kan jedhu ragaan hin jiru.

5) Alkoolii hedduu fayyadamuu dhiisaa - hedduu dhuguun baay'ee balaa qaba. Qorannoon tokko tokko garuu alkoolii giddu galeessaan fudhachuun rakkoo waa dagachuu ni xiqqeessa jedhanis ragaan ga'aan yaada kana deeggaru garuu hin jiru.

6) Sammuu shaakalsiisuu- qorannoon tokko tokko akka furmaataatti kan kennan hojiiwwan sammuu tokko tokko kan akka tapha jechootaafi taphooti kompiiteraa bu'a qabeessa ta'uu mala jedhu.

7) Hariiroo gaarii qabaadhu - rakkoo waa dagachuu akka dhaabu ykn hir'isuu danda'u wanti mirkaneessu kan hin jirre ta'ullee, hiriyyoota waliin hariiroo hawaasummaa gaarii qabaachuun fayyaa gaarii qabaachuuf ni gargaara.

8) Ulfaatina kee sadarkaa fayyaalessa ta'etti eeggachuu - kun fayyummaa qabaachuuf soorata gaarii soorachuufi sochiiwwan qaamaa ga'aa taasisuu kan jedhame waliin wal sima.

9) Dhiibbaan dhiigaa ol-aanaa jiraachuusaa of eeggadhu - dhibee waa tokko dagachuufi dhibee dhiibbaa dhiigaa ol-aanaa walitti dhufeenya qabu.

10) Yoo dhukkuba sukkaaraa qabaatte wal'aanami - sukkaara dhiiga kee keessa jiru sirriitti to'achuun rakkoowwan fayyaa walxaxoo ta'an akka waa dagachuu xiqqeessuuf gargaara.

11) Coomni yoo jiraateef hubadhu - kun dhibee kanaaf carraa saaxiluu ni qaba, garuu wal'aansi cooma jiru of keessaa baasuu dhibee kana hambisuu danda'uun isaa ifa miti.

UK keessatti qorataan 'Alzaayimarii' Dr. Carol Routledge "qaccee sanyii dhaalle jijjiiruun kan hin danda'amne ta'us, qajeelfamawwan haaraa ba'an kana hordofuun rakkoo kana ofirraa xiqqeessuu ni dandeenya" jechuun gaarumma qajelfama kanaa mirkaneessaniiru.

Sababootni dhukkuba waa dagachuu ykn 'dimentia' kan hir'ifamuu danda'anidha, qajelfamni kun ammoo dhibee kana ittisuudhaaf gorsa gaariidha jedhu ogeeyyiin.Maddi:-BBC