Back

Fooramiin daldala alaa idil addunyaa 19ffaan Finfinneetti taa’aamuuf

OBN Caamsaa 07, 2011 - Fooramiin daldala alaa idil addunyaa 19ffaan magaalaa Finfinneetti taa'aamuuf.

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii Itoophiyaa fi Wiirtuun Daldalaa Idil Addunyaa Gamtaa Afrikaa waliin ta'uun fooramicha qopheessuuf waliigalaniiru jedha FBCn.

Waliigaltichas Ministirri Daldalaa fi Indaastirii aadde Fatlawarq G/igzi'aabheerii fi Daayreektarri Olaantuu Wiirtuu Daldala Idil Addunyaa Eraanchaa Gonzaaleez mallatteessaniiru.

Fooramichi ji'a jahaan booda Sadaasa 18-22 bara 2019tti taa'aama.

Hoggansi biiznasii, qopheessitoonni imaammataa, ogeeyyiin daldalaa 1000 ol kan hirmaatan ta'uun ibsameera.