Back

Hoggansi olaanaa ABBO sanbata gara Itoophiyaatti deebi’a

OBN Sad. 19,2011- Hooggansi olaanaa Addi Bilisa Biyyaalessaa Ogaadeen Sanbata gara Itoophiyaa galu jedhame eeggama.

Sanbata kan galu dura taa'aa dhaabichaa Mahaammad Omaari dabalatee hoggansi olaanaa 20 gara biyyaatti kan deebi'an ta'uu dubbi himaan addichaa ibsa kenneen beeksiseera.

Dubbi himaan hoggansa gara biyyaa deebi'u kanaaf dargaggoonni simannaa akka taasisan gaafataniiru.
Torbee dura hidhattootni ABBO hidhannoo hiikkachuun gara biyyaa deebi'uun isaanii ni yaadatama.

Addichi jila Ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoon duurfamu waliin Asmaraatti marii taasiseen karaa nagaan qabsaa'uf waliigaltee irra gahee ture.

Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahmad dhaabbilee morkattootaa biyya alaa jiraniif waamicha taasisan hordofuun addichi gara biyyaa deebi'ee karaa nagaa qabsaa'uf murteesse.