Back

Itoophiyaan deeggarsa Sudaanif taasiftuu itti fufti- obbo Gadduu

OBN Caamsaa 07, 2011- Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw raawwachiistuu dhimmootaa Imbaasii Sudaan Ambaasaaddar Naadiyaa Mohaammad Kayir waliin mari'atan.

Mariin humnoota Sudaan gidduutti mari'atame jiru haala gaarirra jiraachuun akka isaan gammachiise obbo Gadduun ibsaniiru.

Itoophiyaanis deeggarsashee kan itti fuftu ta'uu himan.

Itoophiyaan nageenya waaraaf xiyyeeffannaa kan kennitu  ta'uu fi mariin siyaasaas haala gaarirra jiraachun isaan gammachiisuu eeran.

Ambaasaaddarittiin gama isaanitiin dirreen siyaasaa biyyattii nagayaan akka bal'atu tasgabbiin hojjetamaa jiraachuu himaniru.