Back

Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Magaalaa Finfinnee barnootaaf qophaa'an

 
[DhRTVO 12 11 2009]Barnoonni hundee guddinaa, ce'umsa dinagdeefi hawaasummaa yommuu ta'u, afaan barnootaa dhimmoota milkaa'ina barachuu barattootaa murteessan keessaa isa ijoodha. Kana jechuun, afaan dhalootaa barnootaaf fayyadamuun hirmaannaafi bu'a qabeessummaa barnoota waliigalaaf murteessaadha. Kana irraa ka'uun Labsiin Idil-Addunyaa Barnoota Lammii Hundaaf (Education for all, 1990) jedhamuufi Hammattoo Raawwii Labsii Daakaar (The Dakar Frame Work for Action,2000) jedhamu qulqullina barnootaa mirkaneessuuf afaan barnootaa irratti xiyyeeffatamuu akka qabu mirkaneessa. 
1. Dhimma Afaan Barnootaa Irratti Heerri Mootummaafi Imaammanni Barnootaa Keenya Maal Jedhu? 
Biyyi keenya biyyoota waliigaltee idila addunyaa ‘Barnoota Lammii Hundaaf' jedhu mallatteessanii hojiirra oolchaa jiran keessaa tokko yommuu taatu, heerri mootummaa keenya barnootaaf bakka olaanaa kenneera. Lammiin hunduu afaan ofiin barachuuf mirga bu'uuraa akka qabus haala armaan gadiin ifatti mirkaneesseera.
Keeyyata.15/1: Afaanoti Itoophiyaa hunduu walqixa beekamtii mootummaa ni qabaatu.
Keeyyata.39/2: Saboonni, sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa hunduu afaan isaanii guddisuu, ittiin dubbachuu, ittiin barreessuu, aadaa isaanii ittiin ibsachuun guddisuufi seenaa isaanii ittiin kunuunsuuf mirga qabu.
Keeyyata.41/3: Lammiin Itoophiyaa kamiyyuu tajaajilaawwan hawaasummaa mootummaan kennaman irraa walqixxummaan fayadamuuf mirga qaba.
Bifuma walfakaatuun, imaammanni barnootaa heera keenyarraa maddes dhimma afaan barnootaa ilaalchisee kallattii armaan gadii kaa'eera:
Keeyyata.3.5.1. Faayidaa afaan dhalootaan barachuun daa'imman sad. 1ffaaf qabuufi mirga saboonniifi sablammoonni afaan isaaniin fayyadamuufi guddifachuuf qaban hubannoo keessa galchuun, barnoonni sadarkaa 1ffaa Afaan dhalootaan kennama.

2. Mirga afaan ofii barachuu irratti hojii hojjetameefi bu'aa argame 
Kallattii heera mootummaafi Imaammata keenyaa hordofuun akka naannoo Oromiyaattis ta'e akka biyyaalessaatti hojii barnootaa ilaalchisee dhaaddannoo "Barnoota lammii hundaaf" jedhuun sochii hanga ammaa taasifameen milkaa'inni guddaan argameera.
Haaluma kanaan akka naannoo Oromiyaatti baay'inni dhaabbilee Barnoota Idileen Duraa 13,317 yeroo gahu baay'inni barattootaa immoo dhiiraa fi dubara waliigalaan 976,606 irra gaheera. Baay'inni dhaabbilee barnootaa sad.1ffaa ( 1-8) 14,309 yommuu ta'u barattoonni 7,729,533 irra gaheera. Baay'inni dhaabbilee barnootaa sad.2ffaa 1,062 yommuu ta'u baay'inni barattootaa immoo 650,145 gaheera. Akkasumas baay'inni dhaabbilee barnootaa Qophaa'inaa 358 yommuu ta'u baay'inni barattootaa immoo 157,554 irra gaheera. Waliigalaan baay'inni dhaabbilee barnootaa kutaa 1-12: 15,676 irra yoommuu gahu, baay'inni barattootaa immoo 8,537,232 gaheera. Bayinni dhaabbilee barnootaa 1-12 (BID dabalatee) : 29,047 irra yommuu ga'u, baay'inni barattootaa immoo 9,513,838 irra gaheera. Dabalataanis, baay'inni Kolleejjii Barnoota Barsiistotaa 12 irra yommuu gahu kaadhimamtoota barsiistotaa 92,930 simachuun barsiisaa jira.
Hirmaannaan kunis dabaluu kan danda'e mirga barachuu lammiiwwanii beekamtii heeraa argateen lammiiwwan keenya afaan jalqabaatiin barachuuf mirga argataniin akka naannoo keenyaatti carraa barnootaa sagantaa lamaan (Sagantaa Afaan Oromoofi Sagantaa Afaan Amaaraan) kennamaa waan jiruufi. Kunis akka naannoo keenyaatti bu'uura heera keenyaan mirgi lammiiwwan afaan jalqabaan akka baratan taasisu guutummaatti kabajamuu isaa agarsiisa. Kun bakka hundatti kabajamuufi hojiirra akka ooluu qabus amantaafi ejjennoo BBOfi Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3. Dhimma Kanarratti Mirgi Fayadamummaa Ummata Oromoo Magaalaa Finfinnee Maal Fakkaata?
Maqaa "afaan tokko, aadaa tokko, amantii tokkofi biyya tokko" jedhuun miidhaa sirnoonni darban ummata Oromoo Magaalaa Finfinneefi naannoo isheerra geessisaa turan eenyummaa sabummaa ummatichaa karaa balleessuu danda'uun dabi hojjetamaa ture hammaataadha. Magaalittii keessatti moggaasi bakkeewwan seenaa Oromoo keessatti dur beekaman adeemsaan jijjiiramaniiru. 
Bifuma walfakkaatuun, Ummatichis tooftaa garagaraan, gama tokkoon osoo hinjaallatiin suuta suuta aadaafi afaan ormaa jalatti kufaa, gama biraan immoo dhiibamee magaalittii keessa jiraachuun itti ulfaatee lafa isaa dhiisee moggaatti baqachaa akka ture seenaatu ragaa baha. Haala kanaan ummatichi ijoollee isaa afaan isaatiin barsiifachuuf carraa dhabee aadaa, seenaafi afaan ormaan liqimfamee osoo jiruu akka hinjirretti lakkaa'amaa, biyya isaarratti akka lammii lammaaffaatti lakkaa'amaa turuun isaa ni beekama.

Kunis ta'ee garuu, ummanni Oromoo magaalaa Finfinneefi naannoo ishee jiraatu magaalaa Finfinnee waliin walitti hidhaminsa seenaa adda bahuu hindandeenye qaba. Bu'uura kanaan kufaatii sirna Dargii booda Finfinneen handhuuraafi magaalaa guddittii Oromiyaa ta'uu ishee heera mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mirkanaa'edha.

Haata'u malee, magaalaa guddittii naannoo keenyaafi biyya keenyaa kan taate Magaalaa Finfinnee kessatti ummanni Oromoo mirga bu'uuraa herri mootummaafi imaammanni barnootaa keenya mirkaneesseef kanatti fayyadamee ijoollee isaa afaan isaan barsiifachuuf sababoota garagaraan haala mijataa dhabee tureera. Kana jechuun, ummanni keenya magaalaa Finfinnee keessa jiraatu mirga heerri mirkaneesseefitti fayyadamee bu'uura imaammata barnootaa biyya keenyaan daa'imman isaa afaan dhalootaan barsiifachuu hindandeenye.

Bifuma walfakaatuun, hojjettoonni dhaabbilee garaa garaa mootummaafi miti mootummaa naannoo Oromiyaa godinaaleefi magaalota Oromiyaa keessaa jijjiirraan gara Magaalaa Finfinnee dhufanii hojjetan ijoollee isaanii bakka duraan turanitti hanga kutaa 5ffaa barachaa turan magaalaa Finfinnee keessatti afaan isaaniin barsiifachuuf carraa hin argatan. Kana irraa ka'uun, Finfinnee keessatti Afaan Amaaraan barsiisuuf waan dirqamaniif ijoollee kutaa 4/5 geesse gara kutaa 1ffaatti gadi deebisanii galmeessuu yookiin immoo carraa biraa waan hinqabneef gara magaalota Oromiyaa naannawaa Fnfinneetti fagaatanii jiraachuufi barsiifachuun rakkoo bara dheeraa lakkoofsiseedha.

Kun kan agarsiisu, walumaagalatti ummanni keenya magaalaa Finfinnee keessa jiraatu misooma barnootaa akka biyyaatti gaggeeffamaa jiru irraa karaa haqa qabeessa ta'ee fayadamaa kan hin jirre ta'uu isaati. Rakkoo kana furuudhaaf tattaafiin garaagaraa taasifamaa turus ariitii barbaadamuufi gaaffii ummatichaa karaa deebisuu danda'uun hojiin milkaa'ina qabu hojjetamaa hanqina qabaatus, BBO mirgi bu'uuraa Afaan dhalootaan barachuu akka addunyaatti irratti waliigalame kun haal duree tokko malee hojiirra ooluu akka qabu ejjennoo cimaa qabu irraa ka'ee yeroo dhiyoo asitti hojii qabatamaa abdii namatti horu hojjechaa jira. 
4. Gaffii Heerawaa Bara Dheeraa Afaan Ofiin Barachuu Ummata Oromoo Magaalaa Finfinnee Deebisuuf Hojiiwwan Hojjetamaa Jiran
Kutaalee magaalaa Finfinnee 10 keessatti manneen barnootaa afaan Oromoo ijaaruuf sochiin kan taasifamaa jiru yommuu ta'u; kanneen keessaa kutaalee magaalaa 4 manneen barnootaa sad. 1ffaa 4 (Nifaas silki Laaftoo, Eekkaa, Kolfeefi Gullallee) bara barnootaa 2010 akka saaqamuu danda'amutti baajeta waliigalaa Qr. Miiliyoona 64 oliin ijaarsi isaanii kan xumurame yoo ta'u guyyaa 13/11/2009 bakka aangaawonni olaanoon mootummaa fi kabajamtoonni ummata oromoo argamanitti ni eebbifamu.
1. Ergamni manneen barnootaa kunniin maali? 
Kaayyoo barnoota akkaadamiin alatti haala qabatamaa magaalaa Fifinneefi gaaffii ummata Oromoo karaa deebisuu danda'uun manneen barnootaa kunnneen ergamoota dachaa armaan gadii ni qabaatu:
 Afaan, aadaa, seenaafi safuu ummatichaa bara dheeraaf dhokate ifatti baasuun guddisuu, 
 Galteewwan, adeemsaafi bu'aadhaan istaandardii barbaachisu guutuun dorgomaa, filatamaafi gidduugala qo'annoofi qorannoo ta'uun ergama Oromummaa hidhatanii kanneen socho'an ta'uu, 
5. Hawaasa keenya, qooda fudhattootaafi dhimmamtoota barnootaa naannoo keenyarraa maaltu eegama?
 Ummata Oromoo Magaalaa finfinneefi naannoo isheef
1. Ijoollee keessan gara manneen barnootaa kanneenitti yeroon erguun galmeessuufi afaan keessaniin barsiifachuufi daa'imman keessan kanneen aadaa, safuufi seenaa saba isaanii beekan, eenyummaa ofiitti boonaniifi akka addunyaatti dorgomtoota ta'an horachuu irraa eegama.
2. Manneen barnootaa wareegama bara dheeraan mirga fayyadamummaa saba keenyaa dhugoomsuuf ijaaraman kana beekuun akka qaroo ija ofiitti eeggachuu,
3. Manneen barnootaa kunniin Magaalaa Finfinnee keessatti aadaa, afaaniifi seenaa ummatichaa dhokatee ture ifatti baasuuf kaayyeffatanii kan hojjetan ta'uu isaanii hubachuun deeggarsa barbaachisaa ta'e hunda gochuun cina dhaabbachuu;

 Dhimmamtootaafi qooda fudhattootaaf 
Milkaa'ina karoora hojii misooma barnootaa naannoo keenyaa keessatti gumaacha taasisaa turtaniif galata dhiyeessaa, manneen barnootaa seena qabeessa magaalaa Finfinnee keessatti banamaa jiran kanas beekumsa, yaadaafi kan biroon akka cina dhabbattaniifi deeggarsa akka gootaniif maqaa ummata Oromoon dhaamsa kenya dabarfanna.
Maddi: Biiroo Barnootaa Oromiyaa