Asset Publisher Asset Publisher

Back

Deeggaraan Birmingham taphataa dirree seenee rukute hidhaan torbee lama itti murtaaye.

 

OBN Bit. 03, 07 11- Namni kun maqaan isaa Paul Micheel jedhama. Hojii miidhagina irratti bobba'ee argama.

Tapha Shampiyoon Shiippii Ingilaand Dilbata darbe Birminghaam dirree isaaratti Aston Viilaa waliin taphate irratti dirree seenuun daqiiqaa 12ffaarartti taphataa sarara gidduu Aston Vila Jaak Giriilish rukutuun ni yaadatama.

Deeggaraan kun gocha raawwateen Paawundii kuma 350 fi adabameera. Kana malees Jaak Giriileshiif beenyaa Paawund 100 akka kenne itti murtaa'eera.

Dorgommiilee Kubbaa Miilaa UK keessatti taphataman kamuu waggoota 10'f  Isteediyeemii seenee akka hin ilaalle dhoorkamee jira.

Birmiinghaam toora Tiwiitarii isaatiin taphataan kun umurii guutuu tapha kilabicha akka hin deeggarre beeksiseera.

Giriilsi Darbiii Magaalaa Birmiinghaam Kanaan daqiiqaa 67ffaaratti goolii injifannoo galchuun isaa ni yaadatama.