Asset Publisher Asset Publisher

Back

Federeeshiniin Atleetiksii Itoophiyaa atleetota dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa Deenmaarkitti hirmaataniif badhaasaa fi beekamtii kenneera.

OBN Bit. 24,2011 - Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa Atleetota dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa Deenmaark magaalaa Arhuusitti hirmaataniif Hoteela Araaraatitti simannaa taasiseefii, badhaasaa fi beekamtii kenneefira.

Dorgommichaan Itoophiyaan meedaaliyaa warqee 5, meetii 3 fi maaldaa 3; ida'amaan meedaaliyaa 11n sadarkaa 1ffaa qabachuudhan xumurteetti.

Sirnicharrattis Ministirri  Aadaa fi Tuuriizimii Dr. Hiiruut Kaasaaw, Koomiishinarri Koomiishinii Ispoortii obbo Ristuu Yirdaaw, bakka buutun Koree Olompiika Ityoophiyaa aadde Heeroodaayit Zallaqaan injifannoo argameen gammachuu isaanii ibsanii, damee ispoortii jajjabeessuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru.

Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii fi Koomiishiniin Ispoortii waloodhaan, Koreen Olompiikaa Itoophiyaa fi Federeeshiniin Atleetiksii Itoophiyaa ammoo waloon badhaasicha kennaniru.

Warqee kan argamsiisaniif Birrii kumni 30, meetii kan argamsiisaniif Birrii kumni 20, maaldaa kan argamsiisaniif ammoo Birriin kumani 10 kennameera.

Diippiloomaa kan argamsiisaniif Birriin kumni 6, hirmaattotaaf Birriin kumni 3, jilli imales akkataa qabxii galmeessisetti badhaafameera.

Federeeshinichi waliigalaan badhaasa Birrii 650,000 kennera.