Asset Publisher Asset Publisher

Back

Leenjisaan Maanchester duraanii Lu’is Vaan Haal hojii leenjisummaa akka dhaaban beeksisaniiru.

 

 

OBN Bit. 03, 07 11- Vaan Haal Caamsaa 23, bara 2016 hojii leenjisummaa Maanchester United irraa erga kaafaman booda waggoota sadiif hojii leenjisummaa malee taa'aa akka turan ni yaadatama.

Garee Nezarlaandis dabalatee kilaboota gurgudduu Awurooppaa kan leenjisaan Vaan Haal, Ayaaksi waliin waancaa shaampiyoonsi liigii tokko dabalatee waancaawwa 11,  Baarseloonaa  waliin waacawwan 4, Baayer Muunik waliin waancawwan 3, Maanchester United waliin ammoo waancaa FA tokko argataniiru..

Haati warraa koo waggoota 22'f  hojii ishee dhiisuun iddoon deeme hundatti na waliin imaalaa turte kan jedhan Vaan Haal, umurii koo 55 guunnaan hojii leenjisummaa akkan dhiisu waadaa galeefin ture jedha.

Amma garuu umurii 67 waan guuteef kana booda hojii leenjisummaa dhiisera kan jedhan Vaan Haal, Xiinxaalaa TV ykn Daarektara Ispoortiis ta'ee tajaajiluu hin fedhu jedhaniiru.

Oduu Soorama bahuu Vaan Haalin booda, taphataan sarara fuulduraa United Marcas Rashford toora tiwiitariitiin, Yunaayited keessatti carraa taphachuu waan naa kenniteef galatoomi jechuun barreesseera.